{"id":5070,"date":"2021-01-17T07:24:00","date_gmt":"2021-01-17T07:24:00","guid":{"rendered":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/?p=5070"},"modified":"2021-08-24T07:48:44","modified_gmt":"2021-08-24T07:48:44","slug":"yaaii-idilee-waliigalaa-waggaa-3ffaa","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/2021\/01\/17\/yaaii-idilee-waliigalaa-waggaa-3ffaa\/","title":{"rendered":"Yaa&#8217;ii idilee waliigalaa waggaa 3ffaa"},"content":{"rendered":"\n<p>Waldaan Hakimoota Oromiyaa yaa&#8217;ii walii galaa waggaa 3ffaa Mata duree &#8220;Eegumsa ogeeyyii fayyaa kunuunsa Sirna fayyaaf&#8221; jedhuun har&#8217;a bifa milkaa&#8217;aan galma Hoteela Internaashinaalii Ililliitti kabajateera.<br>Yaa&#8217;icha irrattis miseensonni waldichaa kutaa Oromiyaa maraa kan argaman yoo ta&#8217;u abbootiin gadaa, qaamoleen mootummaa keessummoonni kabajaa, qooda fudhattoonni fi gaggeessitootni dhaabataalee idil addunyaa garagaraa argamaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Namoonni gama fayyaa hawaasaan hojii fi milkaa&#8217;ina fakkeenyummaa qabu agarsiisan garagaraas harka Hoogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatii badhaasa fudhataniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Maatii Ambaasaddara keenya Artisti Haacaaluu Hundeessaa haadhaaf abbaa isaa dabalatee Aadde Faantuu Damissoo fi ijoollee isaa Wabii, Milkii fi Giiftii dhaaf Insuraansii fayyaa umurii guutuu (Lifetime health insurance) qophaa&#8217;e agarsiifameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Mariin haala fooyya&#8217;insa tajaajila fayyaa hawaasa keenyaa fi guddina oogummaa miseensotaa irratti xiyyeeffates bal&#8217;inaan kan godhame yoo ta&#8217;u qorannooleen saayinsawaa tokko tokkos dhiyaataniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Waldaan Hakimoota Oromiyaa qaamota milkaa&#8217;uu sagantichaa irratti hirmaatan hundumaa galateeffachuu barbaada.<\/p>\n\n\n\n<p>Yaa&#8217;ii walii galaa keenya waggaa 3ffaa irratti sagantaan yaadame hundi dhiyaachuu baatus yeroo gaarii akka dabarsitan abdii qabna. Gara fuulduraatti, yaa&#8217;icha dheeressuun guyyaa tokkoo oliif gochuun, walbarumsa miseensota keenyaafis haala mijeessuun sagantaa garagaraa dabaluun kana caala bal&#8217;isnee akka kabajnu shakkii hin qabnu.<\/p>\n\n\n\n<p>Karaa biraan, hanga yoonaa miseensota haalduree hunda guutaniif ID&#8217;n haala bareedaa ta&#8217;een qophaa&#8217;ee waan jiruuf warri hin fudhatiin deemtan ykn dhufuu hin dandeenye karaa isiniif mijatuun ykn waajjira keenya muummee dhuftanii fudhachuu dandeessu.<\/p>\n\n\n\n<p>Warri waan hundaa guuttanii akka tasaa isiniif qaqqabsiisuu dadhabne yoo jiraattan, nu oofkalchaa jechaa keessaan nu quunnamuun akka isiniif qopheessinu gaafachuu kan dandeessan ta&#8217;uu isin beeksisaa Warri hanga yoonaa miseensa hin taane miseensummaa keessan guutuun Waldaa mul&#8217;ata jabaa qabu kana bira dhaabbachuun akka jajjabeessitan isiniif dhaamna.<\/p>\n\n\n\n<p>Amajjii 17, 2021 A.L.A<\/p>\n\n\n\n<p>Waldaa Hakimoota Oromiyaa<\/p>\n\n\n\n<p>Kutannoo of kenneen dugda baasuu<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"","protected":false},"author":1,"featured_media":5071,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_generate-full-width-content":"","footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"class_list":["post-5070","post","type-post","status-publish","format-standard","has-post-thumbnail","hentry","category-uncategorized","generate-columns","tablet-grid-50","mobile-grid-100","grid-parent","grid-50"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5070"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5070"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5070\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5072,"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5070\/revisions\/5072"}],"wp:featuredmedia":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media\/5071"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5070"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5070"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5070"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}