{"id":5126,"date":"2023-02-22T09:50:18","date_gmt":"2023-02-22T09:50:18","guid":{"rendered":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/?p=5126"},"modified":"2023-02-24T15:25:18","modified_gmt":"2023-02-24T15:25:18","slug":"rakkoo-buqqaatota-oromiyaa-fala-dhabe","status":"publish","type":"post","link":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/2023\/02\/22\/rakkoo-buqqaatota-oromiyaa-fala-dhabe\/","title":{"rendered":"<strong>Rakkoo Buqqaatota Oromiyaa Fala dhabe<\/strong>"},"content":{"rendered":"\n<figure class=\"wp-block-embed is-type-rich is-provider-embed-handler wp-block-embed-embed-handler wp-embed-aspect-16-9 wp-has-aspect-ratio\"><div class=\"wp-block-embed__wrapper\">\n<iframe loading=\"lazy\" title=\"IDPs status\" width=\"1200\" height=\"675\" src=\"https:\/\/www.youtube.com\/embed\/XR8FZUf014w?feature=oembed\" frameborder=\"0\" allow=\"accelerometer; autoplay; clipboard-write; encrypted-media; gyroscope; picture-in-picture; web-share\" allowfullscreen><\/iframe>\n<\/div><\/figure>\n\n\n\n<p>Muuziqaan aartistii fi qabsaa&#8217;a mirga dhala namaa du\u2019aan of biraa dhabne, Artist Haacaaluu Hundeessaa, dhukkubbii lammiileen Oromoo nagaa kuma dhibbaan lakkaa\u2019aman naannoo ollaa irraa qe\u2019eefi qabeenya isaanii irraa baqachuuf dirqaman ittiin dhageessise, ammas ol jedhee dhaga\u2019ama.<\/p>\n\n\n\n<p>Waggaa afur dura biyyattiin buqqa\u2019iinsi jumlaa kun akka xumuramu hawwitee turte, haa ta\u2019u malee waldhabdeen kun babal\u2019atee gidiraa fi buqqa\u2019iinsa daran hammaate fide.<\/p>\n\n\n\n<p>Naannoon Oromiyaa waggoota kurnan darban keessatti rakkoolee buqqaatota keessoo (Internally Displaced Person) hamaa keessaa tokko ta\u2019uun gara rakkoo namoomaa hammaatatti geesseera. Gareen hidhatee Oromiyaa fi naannolee ollaa irraa dhufan, akkasumas tarkaanfiiwwan humnoonni federaalaa fi naannoon fudhataman hundi rakkoo kanaaf gumaachaniiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Balaan uumamaa rakkoo qilleensaa waliin walqabatus akkuma gogiinsa tibbana hawaasa saaxilamoo godina Booranaa fi naannoo ishee irratti dhiibbaa hamaa geessiseera.<\/p>\n\n\n\n<p>Ragaan istaatistiksii amma jiru nama sodaachisa. Naannichatti buqqa\u2019iinsa walitti bu\u2019iinsaan uumameen buqqaatotni miiliyoona 1.5 ol fi abbaa warraa 285,865 ol godinoota 11 fi aanaawwan 96 keessatti raabsamanii jiru. Iddoowwan buqqaatonni qubatan142 olitu argamu. Kutaaleen dhihaa fi kibba baha naannichaa baay\u2019inaan kan miidhaman yoo ta\u2019u, Godinni Gujii iddoowwan buqqaatotaa olaanaa (bakka 31) yoo keessummeessu, Godinni Wallagga Bahaa baay\u2019ina buqqaatotaa hedduu (282,245) keessummeessuun sadarkaa duraarra jira.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"970\" height=\"447\" src=\"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/02\/image.png\" alt=\"\" class=\"wp-image-5127\" srcset=\"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/02\/image.png 970w, https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/02\/image-300x138.png 300w, https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/02\/image-768x354.png 768w\" sizes=\"(max-width: 970px) 100vw, 970px\" \/><figcaption class=\"wp-element-caption\"><em>Bakka Buqqaatotni Aanaa Liiban Godina Gujii (Iddoo Buqqaatota Dhiiraa Qarsaa) irratti garmalee baay&#8217;achuu fi gaaddisa dhabuu.<\/em><\/figcaption><\/figure>\n\n\n\n<p>Rakkoon nageenyaa saffisaan hammaataa dhufuun, keessumaa seektara fayyaa keessatti rakkoo namoomaa fideera. Hokkoraafi tasgabbii dhabuun kun hanqina qabeenyaafi hojjettootaa hamaa kan uume yoo ta\u2019u, hanqina kunuunsa yaalaa bu\u2019uuraa fi qoricha argachuu dhabuun sababa ta\u2019eera. Kunis fayyaa ummataa irratti dhiibbaa hamaa kan geessise yoo ta\u2019u, namoonni yeroo rakkootti kunuunsa yaalaa fi gargaarsa isaan barbaachisu argachuu hin dandeenye.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"538\" height=\"663\" src=\"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/02\/image-1.png\" alt=\"\" class=\"wp-image-5128\" srcset=\"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/02\/image-1.png 538w, https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/02\/image-1-243x300.png 243w\" sizes=\"(max-width: 538px) 100vw, 538px\" \/><figcaption class=\"wp-element-caption\"><em>Iddoo buqqaatonni jiran keessaa bakka tokkotti suuraan daa&#8217;ima hanqina nyaataa qabu kaafame dha.<\/em><\/figcaption><\/figure>\n\n\n\n<p>Kana malees, nageenya dhabuun kun geejjibni meeshaalee yaalaa akka addaan citu kan taasise yoo ta\u2019u, hanqinni meeshaalee barbaachisoo kanneen akka qorichaafi meeshaalee yaalaa akka mudatu taasiseera. Buufata fayyaa irraa paanaalii aduu barbadaa\u2019uu fi saamichaan hanqina qorichaafi meeshaalee yaalaa, akkasumas dhiyeessiin ibsaa talaallii addaan cituun, aanaalee hedduu keessatti talaalliin addaan cituu fideera. Dabalataanis, hanqinni ambulaansii dhukkubsattoota haala yaaddessaa keessa jiran geejjibsiisu, dhaabbilee fayyaa hedduu keessatti tajaajilli addaan cituu, weerarri dhukkuba busaa fi koleeraa, fi hanqinni gaaddisa, bishaanii fi mana fincaanii iddoowwan namoonni buqqa\u2019an qubatanitti rakkoo fayyaa naannicha keessatti mul\u2019atu daran daran hammeessee jira. Walitti bu\u2019iinsi kun dhaabbilee fayyaa naannichaa irrattis miidhaa guddaa geessiseera. Akka argannoowwan yeroo dhiyootti baheen keellaa fayyaa 908, buufataalee fayyaa 158 fi hospitaalonni 6 miidhaan ykn saamamuun, keellaa fayyaa 179 fi buufataalee fayyaa 12 gubatanii jiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Godinoota waldhabdeen uumameetti ambulaansonni 70 ol, konkolaattonni biroo 8, fi mootar saayikiliin 81 miidhamuu ykn saamamuu isaanii gabaafameera. Kana malees godinoota kanneen keessatti mootar saayikilii 60 fi konkolaattonni biroo 10 gubachuu isaanii gabaafameera.<\/p>\n\n\n\n<p>Kunis namoonni kumaatamaan lakkaa\u2019aman tajaajila fayyaa barbaachisaa ta\u2019e akka hin arganne taasisuun fayyaa ummataa akka malee akka gaaga\u2019amu taasiseera.<\/p>\n\n\n\n<figure class=\"wp-block-image size-full\"><img loading=\"lazy\" decoding=\"async\" width=\"671\" height=\"664\" src=\"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/02\/image-2.png\" alt=\"\" class=\"wp-image-5129\" srcset=\"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/02\/image-2.png 671w, https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-content\/uploads\/sites\/2\/2023\/02\/image-2-300x297.png 300w\" sizes=\"(max-width: 671px) 100vw, 671px\" \/><figcaption class=\"wp-element-caption\"><em>Godina Wallagga Bahaa ganda Gutoo Giddaa Buufata Fayyaa Lugoo keessatti miidhaa qaqqabe<\/em><\/figcaption><\/figure>\n\n\n\n<p>Rakkoon waraanaa fi namoomaa waggoota afuriif Oromiyaa keessatti muudate bal\u2019inaan dagatamee, erga uumamee booda tarkaanfiin murteessaan fudhatame hin jiru.<\/p>\n\n\n\n<p>Kanaafidha hawaasni addunyaa tarkaanfachuu fi tarkaanfii fudhachuu kan qabu. Dhaabbileen akka Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbileen idil-addunyaa biroo buqqaatota Oromiyaa keessa jiraniif gargaarsa gochuu qabu. Hundee buqqa\u2019iinsa Itiyoophiyaa, kan akka walitti bu\u2019iinsaa fi balaa uumamaa hir\u2019isuunis murteessaadha. Buqqaatonni Oromiyaa keessa jiran dagatamuu hin qaban, yaadatamuus qabu.<\/p>\n\n\n\n<p>Gargaarsa fi eegumsa isaan barbaachisu akka argatan gochuuf hawaasni addunyaa tarkaanfii fudhachuu qaba. Dhaabbilee tola ooltummaa, kanneen akka ICRC, World Vision, Save the Children, Manneen Amantaa &amp; Waldaaleen biyya keessaa, International Medical Corps, Mercy Core Ethiopia, Goal Ethiopia, UNICEF, People in Need (PIN), and Action Against Hunger, armaan dura buqqaatota gargaaruuf tattaaffii taasisaa jiru, ta\u2019us guddina rakkoo kanaa yoo ilaalle garuu carraaqqiin isaanii ammallee gahaa miti. Kanaaf hawaasni addunyaa gargaarsa namoomaa namoota qe\u2019ee isaanii irraa buqqa\u2019aniif cimsuu, akkasumas jireenya isaanii haala nageenya qabuun deebisanii ijaaruu akka danda\u2019an hojjechuu qaba.<\/p>\n\n\n\n<p>Dhuma irrattis qaamotni walfalman hundi furmaata dippilomaasii barbaadanii rakkoo namummaan uumame kanaaf xumura akka godhan waamicha goona<\/p>\n\n\n\n<p>Waldaa Hakimoota Oromiyaa\/Waldaa Ogeessota Fayyaa Oromoo Idil Addunyaa<\/p>\n\n\n\n<p>Guraandhala 22, 2023<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"comment_status":"open","ping_status":"open","sticky":false,"template":"","format":"standard","meta":{"_generate-full-width-content":"","footnotes":""},"categories":[1],"tags":[],"class_list":["post-5126","post","type-post","status-publish","format-standard","hentry","category-uncategorized","generate-columns","tablet-grid-50","mobile-grid-100","grid-parent","grid-50"],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5126"}],"collection":[{"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts"}],"about":[{"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/types\/post"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=5126"}],"version-history":[{"count":2,"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5126\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":5134,"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/posts\/5126\/revisions\/5134"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=5126"}],"wp:term":[{"taxonomy":"category","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/categories?post=5126"},{"taxonomy":"post_tag","embeddable":true,"href":"https:\/\/oromiaphysicians.org\/ao\/wp-json\/wp\/v2\/tags?post=5126"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}