Waldaan Hakimoota Oromiyaa namoota godina Gujiitti qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii haala hamaa keessa jiraniif meeshaalee fi qorichoota yaala hatattamaaf oolan deeggarsa taasise.


Kana malees bakka hawaasni kuni qubate gahuun bulchiinsa godinichaa fi itti gaafatamtoota waajjira fayyaa wajjin daawwachuun haala qabatamaa achi jiru hubachuun danda’amee jira

Haadholii bosona keessatti dahanii daa’imman wajjin arguun waan baay’ee nama naasisudha. Haadholiin hedduun tajaajila yaala fayyaa dahuumsa duraa fi boodas argachuu qaban dhabuun rakkoo fayyaa hedduuf saaxilamaa jiru. Daa’imman dhalatanis akkasuma.
Namoonni hedduun waan jala qubatan/boqatan illee dhabanii baala mukaa fa’a jala jiraachaa jiru.
Haala qabatamaa achi jiru fi marii qaamolee godinichaa waliin taasifameen deeggarsi namoota buqqa’anii rakkoo hedduuf saaxilamaa jiran kanaaf barbaachisu olaanaa ta’uu hubachuun danda’amee jira.
Kanaaf qaamni kamiiyyuu waan qabnuun ummata keenya bira akka dhaabbanuun dhaamsa lammummaati!
Waldaa Hakimoota Oromiyaa
Kutannoo of kenneen dugda baasu!
Gujii