Waldaan hakimoota Oromiyaa namoota buqqa’aniif qorichootaa fi meeshaalee yaala hatattamaaf oolan DEEGGARSA taasise

Waldaan Hakimoota Oromiyaa hawaasa rakkoo nageenyaatiin qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’aniif gargaarsa qorichaa fi meeshaalee yaala hatattamaaf oolan taasise. Kutaalee Oromiyaa gargaraatti namoota sababa rakkoo nageenyaan qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii iddoo garagaraa qubataniif gargaarsi qorichaa fi meeshalee yaalaa marsaa duraatiif Godina Horroo Guduruu Wallagaa tiif qaqqabee jira.

Deeggarsi kuni akka milkaa’uuf tumsi Waldaa Ogeessota Fayyaa Oromoo Idil Addunyaa (International oromo Health Professionals Association), Biiroo Fayyaa oromiyaa, miseensotaa fi deeggratoota waldaa keenyaa olaanaa dha.

Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Mirreessaa Fiixee fi Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa godinichaa Obbo Mirreessaa Caree deeggarsa taasifameef qaamolee hundumaa galateeffachuun ammas hanga hawaasa buqqa’e kana qe’ee irraa buqqa’anitti deebisanii dhaabuutti deeggarsi taasifamuuf akka itti fufu dhaaman.

Waldaan kuni namoota sababa balaa uumamaafi namtolcheen qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’uun rakkoo fayyaaf saaxilamaniif gargaarsa namoomaa gama ogummaa fi meeshaalee yaala fayyaa taasisuun buqqaatota Godina Gujii keessatti argamaniifis qaqqabsiisaa jira.

Dabalataan miseensota waldaa kanaa naannoo sana keessa hojjatan waliin yeroo boqonnaa isaanii tajaajilawwan fayyaa muraasa bakka buqqaatonni jiranitti akka kennamuuf walii galteerra gahamee jira. Tajaajilawwan miseensonni keenya kennuuf qophaa’an muraasni;

a. Tajaajilawwan fayyaa bu’uura ta’an kennuu (Basic Healthcare services)

b. Daa’imman rakkoo nyaata dhabuun hubaman osoo sadarkaa hamaa irra hin gahin adda baasuun yaaluu

c. Deeggarsa xiinsammuu (Psychosocial support) kennuu

d. Barnoota fayyaa keessumaa ittisa dhibeewwan daddarboo hubannoo irratti kennuu fi kkf

Deeggarsi eegalame kuni gargaarsa meeshaalee fi qorichootaa dabalataan marsaa itti aanutti ogeessota fayyaa ogummaa garagaraa qaban bobbaasuun gaaga’ama rakkoo fayyaa sababa kanaan buqqaatotarratti dhufuu danda’u hir’isuuf ciminaan ni hojjatama. 

Suuraan: yeroo gareen Waldaa Hakimoota Oromiyaa bakka buqqaatonni jiranitti dubbisaa jiru

Akkuma kana dura jedhamaa ture dhaabbileen mootummaa, miti mootummaa akkasumas namoonni dhuunfaa waan qabnuun hawaasa dararamaa jiru kana haa deeggarru jenna!

Waldaa Hakimoota oromiyaa
Shaambuu
Kutannoo of kenneen dugda baasu!

Leave a Comment