Bara 2023 A.L.A Hojii Tola OOltummaa Waldaan Hakimoota oromiyaa Hojjate

Bara 2023 A.L.A tti Gareen Yaala Hatattamaa Waldaa Hakimoota Oromiyaa naannoo Oromiyaa iddoowwan sababa rakkoo nageenyaa fi hongeetiin miidhaman, akkasumas weerara adda addaatiin saaxilaman keessatti deeggarsa namoomaa fi ogummaa kennuun hojii boonsaa hojjatee jira.

Waldaan kuni gareewwan 9 ogeessota fayyaa 154 ogummaa adda addaa qaban akkasumas muuxannoo fi naamusa olaanaa qaban bobbaasuun, godinoota akka Booranaa, Gujii fi Wallaggaa keessatti namoota sababa rakkoo nageenyaa fi hongeetiin qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’aniif tajaajila fayyaa hatattamaa fi bu’uuraa kennuun danda’amee jira. Dabalataan daa’immanii fi namoota saaxilamoo ta’aniif duula talaallii kennuu , tajaajila da’uumsa duraa haadholii ulfaaf gochuu akkasumas Giddugala Wal’aansa Koleeraa (CTC) cimsuu fi naannolee dhibee busaan miidhaman keessumaa Lixa Oromiyaa keessatti birmannaa taasisuun danda’ameera.

Duula bara kana taasifameen  namoonni 19,100  ol ta’an bira gahuun fayyadamaa taasisuun danda’amee jira. Iddoowwan tajaajila itti kennaa turre muraasa eeruuf,
1. Booranaatti aanolee akka Dubluq, Dhaas Borbor fi Gololchaa; (suuraawwan muraasa)

2. Gujiitti aanolee akka Girjaa, Waadaraa, Aagaa Waayyuu, Sabbaa Boruu fi Goroo Doolaa;

3. Wallagga Lixaatti aanolee akka Beegii, Qondaalaa, Baabboo Gambeel;

4. Qeellam Wallaggaatti Hawaa Galaan, Daallee Sadii fi Sayyoo fa’a bira gahuun danda’amee jira.

Waldaan kuni gareewwan yaala hatattamaa bobbaasuun cinaatti, dhaabbilee fayyaa naannoowwan rakkoo nageenyaa fi hongeetiin miidhamanitti argamaniif (keessumaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa fi Gujii) meeshaalee yaala hatattamaa fi meeshaalee biroo qarshii miliyoona 12 ol ta’uun bituun arjoomee jira.

Dhiheenya kanas gareen yaala hatattamaa kuni weerara dhibee busaa lixa Oromiyaa keessatti hawaasa keenya rakkoo fayyaa hamaaf saaxile irratti birmannaa gochaa jira. Dhiyeessiin qorichoota farra busaa fi meeshaaleen yaalaa dhaabbilee eegumsa fayyaa rakkoo nageenyaatiin miidhamaniif kan arjoomaman yoo ta’u, kunis waldichi kenniinsa tajaajila fayyaa bal’aa ta’eef of kennuu isaa caalaatti agarsiisa.

Waldaan Hakimoota Oromiyaa miseensota gareewwan yaala hatattamaa yeroo garagaraatti baddaa fi gammoojjii Oromiyaa, lixaa hanga kibbaatti lubbuu isaanii qaalii qabsiisanii hawaasa isaanii tajaajilaa turaniif kabajaa fi dinqisiifannaa guddaa akka qabu ibsuu barbaada.

Hojiin bu’a qabeessaa fi seenaa kun akka milkaa’uuf deeggarsa kan taasisan qooda fudhattoonni fi deeggartoonni Waldaa Hakimoota Oromiyaa kanneen akka Waldaa Ogeessota Fayyaa Oromoo Idil Addunyaa (IOHPA), ICRC Itoophiyaa, Waldaa Wabii Maccaa, WHO Ethiopia, BFO, EPSS, Hawaasa Oromoo Kaaba Kaalifoorniyaa, Jarman Dusseldorf, WUIHS, Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Waliigalaa Naqamtee, Hospitaala danbi Doolloo, World Vision Western Hub, EECMY Damee Dhihaa, WMG Biomedical Engineering plc, Gilando Biomedical Solutions, namoota dhuunfaa kanneen akka Dr. Guddataa Hinnikaa, Sr. Obsee Luboo, Dr. Nuredin Sule, Dr. Obsa Hassen, Dr. Ibraahim, Dr. Abdurahaman, fi kanneen biroo hundi halkanii fi guyyaa hawaasa keenyaaf iyyaa turtan, gareewwan adda addaa biyya keessaa fi alaa, miseensonni waldaa keenyaa, gumaacha gatii guddaa qabu karaa arjooma maallaqaa fi dhiyeessii akkasumas gama gargaarsa ogummaatiin taasisaniif galata guddaa qabnaaf.
Rakkoo Oromiyaa keessa jiru ummata keenyaa fi addunyaatiif beeksisuun sagalee ta’uu keessatti gaheen miidiyaalee akka OMN, Addis Standard, VOA Afaan Oromoo, BBC Afaan oromoo, Oromia 11, Kello Media fi kkf olaanaa ture.

Waldaan Hakiimota Oromiyaa qorumsi karaa kamiinuu muudatu osoo duubatti hin deebisin haala kam keessattuu kutannoo olaanaan hawaasa keenya tajaajiluu cimsee itti fufa.

Barri haaraa 2024 bara gammachuu fi nagaa!
Kutannoo of kenneen dugda baasu!
Garee Yaala Hatattamaa Waldaa Hakiimota Oromiyaa
Finfinnee,

Leave a Comment