Kaansarii fiixee gadaamessaa

Waggaa waggaan kaansariiin fiixee gadaamessaa lubbuu haadholii 300,000 oli akka galaafatu ragaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) ni ibsa.
Kaansarii kana kan namatti fidu harka 99 (99%) vaayirasii beekamaa wal qunnamtii saalaan daddarbu, Human Papilloma Virus (HPV) kan jedhamu dha.

Mallattooleen dhukkuba kanaa
👌 Haalaa fi yeroo malee dhiiguu/marsaan laguu erga dhaabbatee dhiiguu
👌dhangala’aan qaama saala dabaluu
👌Wal qunnamtii saala booda dhiiguu
👌mallattooleen hamoo ta’an yeroo dhibeen sadarkaa olaanaarra gahe mul’achuu danda’u
Yeroo malee dhiiguun dhibee kanaan qofa hin ibsamu
Yeroo yerootti ilaalamuun, osoo inni sadarkaa cimaatti/duubatti deebisuuf ulfaatutti hin ce’in gara dhaabbata fayyaa dhiyoo jiruutti deemuun akkasumas yaalamuun dhibee kana irraa fayyuun ni danda’ama.

Tokkoof tokko ta’uun cinaatti, talaallii HPV jedhamu kan miidhaa hin qabnee fi kaansarii kana sirriitti ittisuu danda’u fudhachuun dhibee kana ofirraa ittisuun ni danda’ama.

Kanaaf
👉Odeeffannoo dhibee kanaa qabaachuu (Ittisa, Talaallii, Yaala)
👉Yeroo yeroon qorannoo taasisuun ilaalamuu
👉Talaallii fudhachuu
👉Yeroon qoratamuun dafanii yaala argachuun, dhibee kana yaaluun akkasumas ittisuun ni danda’ama.

Waldaa Hakimoota Oromiyaa

Kutannoo of kenneen dugda baasuu!

Suuraan: Miidiyaa Hawaasaa

1 thought on “Kaansarii fiixee gadaamessaa”

Leave a Comment