Torban (Daa’imman) Harma Hoosisuu Addunyaa Fayyaa Haadhaa fi Daa’immaniif

Jijjiiramaa deemuu haala jireenya hawaasaa dhiibbaa dalagaa fi qo’annoo oogummaa irraa ka’een wal qabatee, baay’inni haadhota daa’imman isaanii harma hoosisanii hir’achaa akka adeeme ragaalee hedduun ni ibsu. Biyyootaa fi naannolee gidduu garaagarummaan jiraatus, odeeffannoon akka addunyaatti jiru akka mul’isutti hammi daa’immanii dhalatanii sa’aatii tokko keessatti harma haadhaa jalqabanii walakkaa gadi yookiin dhibbeentaa 43 qofa yoo ta’u daa’imman ji’a jahaa gadii harma qofa hodhan ammoo dhibbeentaa 41 duwwaa dha. Kana jechuun, daa’imman harki caalaan faayidaa fi carraa sirnaan harma hodhaa guddachuu hin argatani. Lakkoofsi kun, rakkoolee fayyaa harma hoosisuu dhabuun dhufaniif saaxilamaa jiraachuu haadhotaas ibsa.
Hir’achaa dhufuu aadaa harma hoosisuu kanaa hubachuun qaamoleen garagaraa barnoota hubannoo cimsuu kennuu fi rakkoowwan sababa kanaan haadhaa fi daa’ima irra gahuu danda’an ittisuu irratti hojjachaa jiru.
Harma hoosisuun daa’imaafis haadhaafis gaaridha. Daa’imman dandeetttii dhukkuba ofirraa ittisuu (madinummaa cimsuu) fi guddina sammuutiif yoo fayyadu, akka qorannoon jedhutti immoo haadholiin harma hoosisan kaansarii harmaa fi Oovarii’f hin saaxilaman.
Kanaaf daa’imni tokko akkuma dhalateen sa’aatii 1 keessatti harma hoosisuu eegalchiisuun, baatiiwwan jahaaf aannan harma haadhaa qofa hoosisuun, akkasumas waggoota lamaaf sanaa ol itti fufsiisuun daa’imman dhibeewwan garagaraaf, hir’ina nyaataa fi garmalee furdachuuf akka hin saaxilamne shoora olaanaa taphata. Dabalataanis harma haadhaa hoosisuun daa’imaaf akka talaallii jalqabaatti dhibeewwan yeroo ijoollummaa dhufan irraa ittisuuf fayyada!

Leave a Comment