Waldaan Hakimoota Oromiyaa Sagantaa Walharkaa fuudhinsa Meeshaalee Yaalaa akkasumas dhiyeessii qoricha busaa dhaabbilee fayyaa naannolee rakkoo nageenyaa fi weerara busaatiin miidhaman keessumaa Lixa Wallaggaa fi Qeellam Wallaggaa keessatti argamaniif taasifamee jira. Sagantaan kuni bakka Waldaan Ogeessota Fayyaa Oromoo Idil Addunyaa, Biiroon Fayyaa Oromiyaa fi Koreen Boordii fi Hoji Raawwachiiftuu waldaa keenyaa argamanitti meeshaalee yaalaa fi dhiyeessii qoricha busaa arjummaa Waldaa Wabii Maccaa irraa argameen kan bitame dha.

Meeshaaleen yaalaa barbaachisoo ta’an kanneen akka Hematology analyzers, Chemistry analyzers, Microscopes, Hemoglobinometers, Glucometers, fi qorichoota dhibee busaa qarshii miliyoona 8 oliin bitame Biiroo Fayyaa Godinoota Lixaa fi Qeellam Wallaggaatiif dabarfamanii jiru.
Qabeenyi kunis
Hospitaalota 6’f (Wallagga Lixaa irraa Ganjii, Bubbee fi Gimbii; Qeellam Wallaggaa irraa Gidaamii Hawaa Galaan fi Qaaqee)
fi
Buufataalee fayyaa 6’f (Wallagga Lixaa irraa Kobor, Liqixii fi Shimal Tokkee; Qeellam Wallaggaa irraa Alakuu Dorgommee, Tulluu Shimalaa fi Machaaraa) fayyadamoo taasisuuf ramadameera.
Itti aansuun hojiiwwan bara 2023 keessa hojjataman erga dhiyaatee mariin baay’ee bareedaa ta’e hirmaannaa cimaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa, Waldaa Ogeessota Fayyaa Oromoo Idil Addunyaa, Waldaa Wabii Maccaa fi misensota Boordii fi Koree hoji Raawwachiistuu Waldaa Hakimoota Oromiyaa taasisaniin raawwatameera. Qooda fudhattoota fi qaamolee waldaa kana deeggaraa jiraniif waraqaan ragaa kennamee jira. Dhumarrattis deeggarsa olaanaa Waldaan Wabii Maccaa taasise dinqisiifachaa deeggarsi dhaabbilee akka United Oromo Evangelical Churches (UOEC), IOHPA, Gilando Biomedical Solutions, Aadde Treza Ammee (Haadha Qabeenyaa Brook Park Home Healthcare, Ariana Investments LLC, ASA LLC) fi gareewwan adda addaa qooda fudhataniif galata keenya ibsina.



Kutannoo of kenneen dugda baasu!