
Nyaata Madaalawaa Fayyaalessa Daa’imaaf
Akka warra daa’ima tokkootti, daa’ima gargaaruuf waa’ee nyaata madaalawaa fayyaalessa ta’anii beekuun barbaachisaa dha.
Ijoolleen nyaata madaalawaa fayyaalessa isaan barbaachisu gosa nyaataa 3 irraa argatu:
1. Kuduraafi Fuduraa
2. Dhangaa Miidhaan irraa qophaa’an (xaafii,Qamadii..}
3. Pirootiinii
Ijoolleen guyyaatti nyaata maaddii yeroo 3 fi oolchaa/snack 1-3 (ganama, sa’aatii boodaa fi halkan hirriiba rafuun dura) barbaachisa. Nyaanni Oolchaa/ Snack, akkuma Maaddii laaqanaa yookin irbaataa fayyaalessa qabaachuun sirriitti barbaachisaadha.
Nyaata filatamaa/ Mishaa ta’an,
- Kuduraa /Fuduraa kichuu/o’aa
- Aannanii fi kan aannan irraa dhufan( dairy products)
- Foon
- Midhaan akka taafii, qamadii, shumburaa
Dhangaa Shukkaaraa fi Geeddarama/ Iddoomtuu shukaaraa ijoolleef ni ta’uu?
Dhangaa/nyaata shukaara hin qabne dhiyeessuufiin filatamaadha.
Nyaata mi’aawaa calallii shukkaaraa irraa dhufan (kan akka sucrose, Glucose, fructose, Shukkaara adii) ta’an yeroo hedduu akka hin fayyadamne dhoorkuu. Wantoonni kun humna/ calorie wal fakkaataa of keessaa yoo qabaatanis sama/tortoruu ilkaaniif daa’ima saaxilu.
Dhangaaleen iddoo shukkaaraa bu’uun gargaaran( sugar substitutes), kan akka ” aspartame” fi “sucralose” jedhaman, humna/ calories dabalataa hin qaban, dabalataanis tortoruu/sama ilkaaniif sababa hin ta’an. Haa ta’u malee shukkaara caalaa baay’ee mi’aawuun beekamanis akka nyaata madalawaatti humna /calories hin kennan.
Kanaaf amala/ bartee nyaata mi’ooftuu fedhuu yookiin jaallachuu waan fidaniif, daa’imni nyaata filatamaa akka fuduraa fi kuduraa nyaachuu jibba. Sababa kanaaf nyaata mi’ooftuu ta’an, jechuun amala shukaaraa qaban daa’imaaf yeroo hedduu kennuu dhorkuun mishaadha.
Cuunfaa fi Bishaan
Yoo daa’imti dheebotu, keessattuu ciree fi laaqana jidduu yookan laaqana fi nyaata sasalphaa gidduu gidduutti fudhataman (snack) jidduu bishaan dhiyeessuufiin barbaachisaa dha.
Guyyaatti yeroo tokko qofa (125 ml) Cuunfaa mi’ooftuu hintaane kennuufii. Fuduraa akka cuunfaatti kennuufii irra, fuduraa sana kennuutu filatama.
Fakkeenyaaf Cuunfaa abukaadoo osoo hintaane, fuduraa abukaadoo nyaachisuutu filatama.
Daa’imman cuunfaa hedduu dhugan, nyaata biraa hin fudhatan.
Ashaboo/ Sodium daa’imaaf
Ashaboon albuuda dhangala’oon qaama keessaa madaaluuf fayyada.
Akkanumas dalagaa maashaalee fi narviif ni barbaachisa.
Haa ta’u malee ashaboo hedduu nyaachuun dhibee dhiibbaa dhiigaa fi Onnee namatti fida.
Daa’ima keessan dhangaa ashaboo xiqqoo qabu dhiyeessaa.
Nyaata warshaaleetti qoopha’an ashaboo hedduun itti dabalama.
Ashaboo hedduun daa’imaaf yoo kenname, amala nyaata ashaboo hedduu qaban filachuu/ jaallachuu fida. Kunis gaafa umriin guddatan rakkoo furdachuufi dhibee irratti dhaqabsiisuu mala.
Guyyaatti hangam barbaachisa isa jedhu baruufi nyaata cufamaa/Packed yoo bittan parsantaa % ” Daily Value of Sodium” irratti waan katabamuuf , ashaboon nyaataa guyyaadhaan (Daily Value) dhibbeentaa % 15 gadi qaban filatamaadha.
Haaluma kanaan ashaboo daa’imaaf guyyaatti barbaachisuu akkaata umurii isaanin baruun /yaadachuun bareedadha. Halaa kanaan;
Umurii………….. mg/guyyaatti
0- 6 month… 110 mg/ guyyaatti
7-12month…..370 mg/Guyyaati
1-3years………….800mg/guyyaatti
4-8years………….1000mg/guyyaatti
9-13years……….1200mg/guyyaatti
14+ years………..1500mg/guyyaatti
Hubachiisa: Ashaboon Fallaana 1 =Miligiraama(2300mg)
Nyaata Cooma
Nyaata madaalamaan cooma ta’an dhangaa barbaachisaa Omega -3 fi omega -6 kan jedhaman namni kamiiyyuu qaama keessatti qoopheessuu hin dandeenye, nyaata irraa argachuu mala.
Kuduraa affeelamaa akka zayitii/quyyisaa irraa argachuun illee ni danda’ama. Dabalataanis nyaata filatamaa, salaaxaa, dhadhaa ocholonii fi mayonnaise irraa Cooma dhangaa barbaachioo {essential} ni argamu.
Dhangaaleen cooma ta’an hedduun wanta hin barbaachifne(non-essential) hedduu of keessaa waan qabaniif rakkoo onnee geessisu.
Kanaaf nyaata coomaa akkasii yeroo mara fayyadamuu irra of qusachuun barbaachisaa dha. Nyaata dukkaana (supermarket) irraa bittan Cooma akkami akka qaban irraa mirkaneefadhaa.
Kanaaf akka warra Haadha/Abbaa Daa’imaatti, Dirqama nurraa eegamu;
- Yeroo nyaataafi nyaata gidduu (snack) walfakkaataa ta’e/sa’aatii murtaa’e akka qabaatan mijeessuu .
- Nyaata madaalawaa fi gosa gara garaa nyaata hunda irraa dhiyeessuu.
- Nyaata haala salphaan daa’imni fudhachuu akka danda’utti xixiqqeessuun/ mummuruun qopheessuu.
✓ Daa’imni fallaana yookin kubbaayyaa fayyadamuu akka baruuf gargaaruun qophaa isaani akka of danda’anii nyaataniif qopheessuu.
✓ Yoo danda’ame akkaataa umriin isaaniif hayyamuun, yeroo nyaata qopheessitan daa’imas hirmaachisuu. Fakkeenyaaf gabatee dhiquu, kubbaayaa / fallaana qopheessuu.
✓ Fuduraa fi waan akka itittuu (yogurt) nyaata booda akka fudhataniif qopheessuu.
✓ Hogguu dukkaana/ super markeetii nyaata cufamaa bittan daa’imni filachuu akka danda’u barsiisuu. Kessattu barreeffamoota package irratti barreeffaman akka dubbisan barsiisuu.
- Daa’ima mana nyaataa saffisaa (fast food) kan akka Bargarii, piizaa irraa dhoorkuun ni barbaachisa. Faayidaa yeroo nyaata/Maaddii maatii waliiniitti gammaduu ni barsiisa.
Waan / hojii daa’imaa ta’e (Wanti daa’ima irraa eegamu)?
Waan nyaata dhiyyeesitan irraa waan fedhan filatanii nyaachuun hojii fedha daa’imaati.
Hamma barbaadan nyaachuunis hojii daa’ima/fedha isaaniti.
Yoo daa’immni kiyya nyaata dide?
✓Yoo daa’immni nyaachuu rakkiste hedduu dhiphachuun hinbarbaachisu.
✓ Nyaata jidduutti waa kabira kennuu irraa of qusachuun ni barbaachisa.
✓Laaqana yoo didan, snack kennuun hinbarbaachisu. Irbaata irratti yookiin maddii ittiaanutti haalan nyaatu.
✓ Ulfinni qaama isaanii fi guddinni qaama isaani haalan dabalaa jira yoo ta’e, nyaata hinnyaattu jettani hindhiphatiina. whan barbaachisu fudhachaa jiru jechuudha.
✓Amma danda’ametti gosa garaa garaa dhiyyeessuu yaalaa.
✓ Haali fedhiinsa nyaata daa’imanni yeroodha yerootti ni jijjiirama, sababnni isaas garaachi isaani xiqqoodha. Ijoolleen nyaata xiqqoo xiqqoo guyyaa guutuu nyaachuu fedhu.
✓ Hamma nyaachuu barbaadan waan beekaniif ,Hammuma qaamti isaani barbaachisu nyaatu. Goolabame!

Ergaan kun kan pophaa’e;

Dirre Dhawa
+251911390458
Waldaa Hakimoota Oromiyaa
Kutannoo of kenneen dugda baasuu!