Lakki! Aannan loonii madda ayiranii filatamaa miti. Baay’inaan/hamma hedduu of keessaa qabaatus, ayiraniin aannan loonii irraa argamu, akka salphaatti gara dhiigaa hin xuuxamu. Kanaaf osoo daa’ima keessaniif aannan looni hin kennin dura, madda ayiranii fi Vaayitaaminii C kan ta’an nyaachisuu mirkaneeffadhaa. Daa’imni tokko aannan looni dhuguuf yoo xiqqaate umriin baati 9-12 ta’u qabdi. Umrii sana dura hin hayyamamu. Erga aannan loonii jalqabsiiftanii, jechuun baatii 12 booda, guyyaatti mililitirii 500 (500ML) ol hin kenninaafii. Sababni isaas sanaa ol obaasuun hir’ina ayiranii (Iron deficiency) geessisa.

Daa’ima kiyyaaf aannan harmaa/ foormulaa/nyaata dabalataan ayiranii akka dawaatti qophaa’e (Iron suppliment) kennuu nan danda’aa? Daa’imni umriin baatii sagal geessee dhalattee harma hodhu yookin foormulaa ayiranii qophaa’e fayyadamu yoo ta’e, madda ayiranii kan biraa akka dawaatti/qorichaatti qophaa’e isaan hin barbaachisu. Haa ta’u malee daa’imman ulfaatinni qaamaa yeroo dhalatan xiqqoo fi yeroon osoo hin ga’iin dhalatan, harma hodhanis taanaan ayiranii dabalataa isaan barbaachisa. Ayiranii dabalataa/ supplement kanas gosa kami, hammam barbaachisa? isa jedhu baruuf oggeessa fayyaa mari’achiisuun barbaachisaa dha. Ijoollee umriin waggaa/ganna 1 ol ta’an, ayiranii dabalataa (supplement) isaan hin barbaachisu.
Hakimni daa’immanii ayiranii dabalataa/ dawaa ayiranii daa’ima kiyyaaf ajajee jira, haala kamiin yoo fudhatan filatamaadha? Ciree/ nyaata osoo hin yaatin (garaa duwwaa, kunis sa’aatii 1 nyaata dura yookiin sa’aatii 2 erga nyaatanii booda) kennuun filatama. Vaayitaaminiin C jedhamu, ayiraniin gara dhiigaatti akka xuuxamuuf gargaara. Kanaaf cuunfaa burtukaana birciiqqoo walakkaa waliin dawaa/qoricha kana kennuu barbaachisa.
Dawaa akka antacid Syrup (kan dhibee garaachaaf ajajamu), aannan looni fi Shaayii/buna kan fakkaatan ayiraniin akka gara nyaataatti hin xuuxamne waan dhoorkaniif waliin fudhachuun hin gorfamu. Kunis sa’aatii lamaaf dhoorkama. Dawaan ayiranii kun amala singiggoo, loocaa, albaatii yookiin garaa gogsuu fi dhukkubbii fiduu waan qabaniif, daa’imni keessan bishaan/dhangala’aa hedduu dhuguu fi kuduraalee guyyaa guyyaan argachuu mirkaneeffadhaa. Daa’imni dawaa ayiranii yeroo dheeraaf, (ji’a 3) fudhatu. Kunis gara fuulduraatti fayyadamuuf akka kuusaa ta’ee akka gargaaruuf.
Ayiraniin akka dawaatti (Supplement) dabalataan kennamu miidhaa/side effect geessisuu danda’u qabaa? Akka ragaaleen barruu adda addaa eeranitti, ayiraniin miidhaa lubbuuf hin sodaachifne/jechuun waan salphaa geessisuun beekamu. Kunniinis:
Dhukubbii garaa, singiggoo, albaatii, garaa gogsuu fi boolii bifaan gurraacha’u fa’a
Waan kan biraa kan beekuu qabnu ni jiraa?
Dawaan ayiranii boolii daa’imaa gara halluu gurraachaa yookin magariisaa tti jijjiiruu danda’a.
Shirooppiin ayiranii halluu ilkee illee waan jijjiiruuf, erga obaastanii booda uffata qulqulluun ilkaan haxaa’uun barbaachisaa dha.
Daa’imni kiniinii ayiranii yoo hedduu liqimse/te miidhaa waan geessisuuf bakka daa’imni hin dhaqqabne olkaa’aa.
Fayyaa hin dhabinaa!
Dr. Abdi Kebede Feyisa (Assistant Professor Of Pediatrics and Child Health at Dire Dawa)