
Addunyaan kuni gosa vaayirasii koronaa isa hamaa, Deeltaa (COVID-19 Delta Variant) jedhamu waliin qabsootti osoo jirtuu, gosti haaraan biraa; Oomikiroon (Omicron) jedhamu dhalachuun ammas mata-dhukkubbii biraa fide. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) maqaa isaa “B.1.1.529, Omicron” jechuun moggaasee Sadaasa 17, 2014 A.L.I labsee ture. Gosti vaayirasii koronaa haaraan Oomikiroon jedhamu gosoota kana dura turan caalaattii kan of geeddaru (mutate) ta’uun yaaddoo guddaa uumuun biyyoonni hedduun of eeggannoo taasisuu irratti xiyyeeffannoon hojjachaa jiru.
Saayintistoonni fi hayyoonni dame fayyaa hawaasaa haalli tatamsa’inaa fi hammeenya isaa kan hin beekamne ta’uu eeruun talaalliiwwan yeroo ammaaa mirkanaa’anii fudhatamaa jiran ittisuu akka danda’an irratti sirriitti hojjachaa jiru.
Omiikiroon xiyyeeffannoo akka argatu maaltu taasise?
Bifa jijjiirrachuu/ of geeddaruu (Mutation)
Saffisa garmaleen tatamsa’uu
Mallattooleen namoota gosa vaairasii kanaan qabaman irratti mul’atu mallattoolee armaan dura gosoota vaayirasii kana dura turaniin namarraa mul’atani dha.

Talaalliiwwan amma jiranii fi kana dura qabamuun gosa vaayirasii kanarraa nama ittisaa?
Dawaan vaayirasii kanarraa nama fayyisus ta’ee talaallii guutumaan guututti namarraa ittisu argachuun hin danda’amne. Talaalliin argame yeroo vaayirasiin kuni nama qabe sadarkaa hamaarra akka hin geenye kan godhu dha.
Talaalliiwwan du’aatii, dhibee sadarkaa hamaa fi hospitaala turuu COVID -19’n dhufan hir’isuuuf fayyadu. Gosoota vaayirasii koronaa kan biroon armaan dura qabamuunis ta’ee talaallii fudhachuun Oomikiroonin qabamuu dhiisuu kan ibsu ragaan argame hin jiru.

Walumaa galatti maaltu gorfama?
Akka addunyaatti biyyoonni hedduun garmalee dabaluu namoota vaayirasii kanaan qabamanii hordofuun of eeggannoowwan kana dura taasifamaa turan cimanii itti fufuu akka qaban irratti hojjachaa jiru.
Akka biyya keenyaatti haalli gosti vaayirasii koronaa haaraa (Oomikiroon) beekamuu baatus lakkoofsi namoota guyyaa guyyaan qabaman jedhamee gabaafamaa jiruu hedduu dabaleera.
Kanaaf hawaasni keeenya miidhaa fayyaa, hawaasummaa, qabeenyaa fi kkf sababa dhibee kanaan nutti dhufe irraa dandamachuuf akkasumas miidhaa biraaf daran akka hin saaxilamneef wantoota armaan gadii gochuu qaba;
1. Talaallii fudhachuu (namoonni talaallii hin fudhanne yoo xiqqaate harka 10 warra talaallii fudhate caalaa carraa du’aaf saaxilamu)
2. Golgituu afaanii fi funyaanii (Maaskii) isa sirrii sirnaan uffachuu
3. Iddoo namoonni itti heddummaatu irratti hanga danda’ameen argamuu dhiisuu, yookaan fageenya eeggachuu
4. Mallattoolee COVID 19 yoo ofirratti beektan adda baasuun yaala barbaachisu hordofuu
5. Mana jireenyaas ta’ee kan biro keessa turru qilleensi gahaan akka seenee bahu gochuu
6. Yeroo qufaanu/haxxiffannu ciqilee keenya fayyadamuu
7. Harka keenya yeroo yeroo tti dhiqachuu fi kkf
Waldaan Hakimoota Oromiyaa tatamsa’ina vaayirasii koronaa ittisuuf ayyaanota akka biyya kanaatti kabajamuuf as deemaa jiran irrattis ta’ee turtii idilee birootiif of eeggannoowwan dhaabbanni Fayyaa Addunyaa, Ministeerri Fayyaa Federaalaa akkasumas ogeessonni fayyaa dabarsan osoo hin nuffin hojiirra oolchuu akka qabnu dhaamaa ayyaana gaarii isiniif hawwa!
Waldaa Hakimoota Oromiyaa
Kutannoo of kenneen dugda baasu!