Yaa’ii idilee waliigalaa waggaa 3ffaa

Waldaan Hakimoota Oromiyaa yaa’ii walii galaa waggaa 3ffaa Mata duree “Eegumsa ogeeyyii fayyaa kunuunsa Sirna fayyaaf” jedhuun har’a bifa milkaa’aan galma Hoteela Internaashinaalii Ililliitti kabajateera.
Yaa’icha irrattis miseensonni waldichaa kutaa Oromiyaa maraa kan argaman yoo ta’u abbootiin gadaa, qaamoleen mootummaa keessummoonni kabajaa, qooda fudhattoonni fi gaggeessitootni dhaabataalee idil addunyaa garagaraa argamaniiru.

Namoonni gama fayyaa hawaasaan hojii fi milkaa’ina fakkeenyummaa qabu agarsiisan garagaraas harka Hoogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaatii badhaasa fudhataniiru.

Maatii Ambaasaddara keenya Artisti Haacaaluu Hundeessaa haadhaaf abbaa isaa dabalatee Aadde Faantuu Damissoo fi ijoollee isaa Wabii, Milkii fi Giiftii dhaaf Insuraansii fayyaa umurii guutuu (Lifetime health insurance) qophaa’e agarsiifameera.

Mariin haala fooyya’insa tajaajila fayyaa hawaasa keenyaa fi guddina oogummaa miseensotaa irratti xiyyeeffates bal’inaan kan godhame yoo ta’u qorannooleen saayinsawaa tokko tokkos dhiyaataniiru.

Waldaan Hakimoota Oromiyaa qaamota milkaa’uu sagantichaa irratti hirmaatan hundumaa galateeffachuu barbaada.

Yaa’ii walii galaa keenya waggaa 3ffaa irratti sagantaan yaadame hundi dhiyaachuu baatus yeroo gaarii akka dabarsitan abdii qabna. Gara fuulduraatti, yaa’icha dheeressuun guyyaa tokkoo oliif gochuun, walbarumsa miseensota keenyaafis haala mijeessuun sagantaa garagaraa dabaluun kana caala bal’isnee akka kabajnu shakkii hin qabnu.

Karaa biraan, hanga yoonaa miseensota haalduree hunda guutaniif ID’n haala bareedaa ta’een qophaa’ee waan jiruuf warri hin fudhatiin deemtan ykn dhufuu hin dandeenye karaa isiniif mijatuun ykn waajjira keenya muummee dhuftanii fudhachuu dandeessu.

Warri waan hundaa guuttanii akka tasaa isiniif qaqqabsiisuu dadhabne yoo jiraattan, nu oofkalchaa jechaa keessaan nu quunnamuun akka isiniif qopheessinu gaafachuu kan dandeessan ta’uu isin beeksisaa Warri hanga yoonaa miseensa hin taane miseensummaa keessan guutuun Waldaa mul’ata jabaa qabu kana bira dhaabbachuun akka jajjabeessitan isiniif dhaamna.

Amajjii 17, 2021 A.L.A

Waldaa Hakimoota Oromiyaa

Kutannoo of kenneen dugda baasuu

Leave a Comment