Faayidaa “Ayiranii /Iron Daa’ima Xiqqoo fi Ijoolleef (Kutaa 1ffaa)

Ayiraniin/Iron albuuda daa’ immaan guddinaa fi fayyaa qaama isaaniitif barbaadanidha. Seelotni Dhiiga Diimaa (Red Blood Cells), pirootiinii qaama namaa keessa oksijiinii baachuuf gargaaran, “Hemoglobin” kan jedhamu qabu. Qaamnni keenya “Hemoglobin” kana oomishuuf albuuda Ayiranii kana barbaada. Dabalataan seelotni dhiiga diimaa halluu diimaa akka qabaatan taasisa.

Albuudni Ayiranii kun qaama keessaa yoo hir’ate/dhabame, hammi/hangi Seeloota Dhiiga Diimaa ni xiqqaata, akkasumas bifti/halluun isaanii gara adii jijjiirama. Dabalataanis Oksijiinii ga’aa gara qaama fi maashaalee deemsisuu yookin baachuu hin danda’an. Kunis dhibee hirdhina dhiigaa (Anemia) jedhamuun beekama.

Mallattooleen hir’ina Ayiranii maal?

Daa’imni ayiranii ga’aa yoo qabaatan, guddina sammuu isaaniif fayyadamu. Ijoolleen ayiranii barbaachisu hin arganne (hanqina qaban) si’aayinni qaama  isaanii ni hir’ata akkanumas  guddinni qaama  isaanii hamma ariifachuu qabuu gadi ta’a.

Dabalataanis Mallattoleen armaan gadii irratti mul’achuu ni danda’a.

✓ Ulfina qaama  haalan dabaluu dhabuu.

 ✓ Gogaan addaachuu( Pale Skin), keessattuu Ija jalaa fi afaan keessa.

 ✓ Fedhiin nyaataa hir’achuu

 ✓ Tasgabbaa’uu/amala dhabuu.

 ✓ Hir’inni ayiranii (Iron deficiency Anemia) kun dabalataanis  mana barumsaatti rakkoo dandeetti barachuu illee  ni fida.  

✓ Rakkoo xiyyeefachuu dhabuu fi akka salphaati dadhabbiin isaanitti dhaga’ama

Daa’imtti/ijoolleen Ayiranii kana hammam qaama keessatti barbaadu?

Daa’imni ulfa baatii 9 guutee dhalate/tte , kuusaa/tursiisuu Ayiranii yeroo hedduuf barbaachisu haadha irraa fudhatan ni qabu. Kanaaf daa’imtti harma haadhaa hodhe, baatiiwwan jalqabaa jahaaf, Ayiranii isaan barbaachisu ni argatu.

 Haa ta’u malee daa’imman baatii/ji’a 6 booda nyaata dabalataa hin eegalle yoo ta’e rakkoon hir’ina Ayiranii ni mudata.

 Harma haadha hoosisuun yoo hin danda’amnne Aannan “Formula” yoo fayyadamtan, Ayiraniitti dabalamee haala ga’aan of keessaa qabu.

 Erga nyaata jabaataa nyaachuu eegalanii hammi Ayiranii daa’ima tokkoof barbaachisu akkaataa umurii isaaniin garagara. Kunis Recommended Dietary allowance (RDA) jedhamuun beekama. Kana jechuun guyyaatti jiddu galaan hamma   namoonni  dhibeentaa 97-98% nagaa qaban fedha qaama guutuf (average daily level of intake sufficient to meet the nutrient requirements of nearly all (97%-98%) healthy people) fudhachuu qabaniidha.

Haaluma kanaan RDA daa’imaaf akkaata armaan gadiitiin qoodamee jira;

a) Baatii 7 _ 12 warra jiraniif (guyyaatti 11 mg},

b) waggaa 1 _ 3 (7 mg), waggaa 4 _ 8 (10 mg),

c) waggaa 9 _ 13 (8 mg), 

d) waggaa 14 _ 18 (11 mg (dhiiraaf) 15 mg (shamarraniif).

Nyaata gosa kan akkamiitu Ayiranii gahaa qaba?

  Ayiraniin gosa lamatu jira:

 1. Heme Ayiran kan jedhamu akka salphaatti gara qaamaatti/dhiigaatti nyaata irra xuuxamuu/fudhachuu  kan danda’udha. Gosti kunis yeroo hedduu foon diimaa irraa argama.

 2. Non-Heme Ayiran yeroo hedduu kan biqiltuu/ kuduraa, callaa/midhaan(cereal) irraa argamu.

Nyaata Iron Ga’aa of keessatti qabaatan

✓ Foon: ( Kan Loonii(Beef),Tiruu, lukkuu)

 ✓ Qurxummii

 ✓ Killee/Buphaa

 ✓ Xaafii fi midhaan (Midhaan Iron dabalamuun qopheeffame, Daabboo/cumboo, paasta fi Ruuzii)

Dabalataan madda Ayiranii nyaataa kan ta’an;

 ✓ Fuduraa: (Shunburaa, Misira, ataraa fi Baaqelaa).

 ✓ Kuduraalee: (Qoosxaa, Raafuu, appilii)

Qaamni nyaata kana irraa Ayiranii haalan fudhaachuuf yookin gara dhiigaatti xuuxuuf dabalataan Nyaata Viitaaminii C of keessaa qaban kan akka Burtukaana ,Timaatimii fi Qaaraa Diimaa waliin nyaachuun barbaachisa. Fakkeenyaaf yeroo ciree midhaan Ayiranii dabalataan qaban nyaatan,  Burtukaana waliin dhiyeessuu yookiin, Paasta foon yookin timaatimii waliin dhiyeessuu.

Kutaa lammaffaan itti fufa!

Dr. Abdi Kebede Feyisa (Assistant Professor Of Pediatrics and Child Health at Dire Dawa)

Leave a Comment